Biiroo Pabliik Sarviisii Fi Misooma Qabeenya Namaa Sanada
Biiroo Pabliik Sarviisii Fi Misooma Qabeenya Namaa Sanada Sosochii Fooyyaa’iinsa Kenniinsa Tajaajila Mootummaa Naannoo Oromiyaa Pabliik Sarviisii cimaa fi Ammayyaa’aa Galma Badhaadhinaaf!!
q Kutaa Tokko q. Dubduubbee (background) Seenaa Ijaarama Publiik Sarviisii Qabiyyee Sanadichaa Kutaa Lama q Maalummaa fi Gahee Pabliik Sarviisii Kutaa Sadii q Kennaa Tajaajilaa fi Maalummaa Tajaajila Kutaa Afur q. Hudhaalee Gurguddoo Paabliik Sarviisii Naannichaa Kutaa Shan q. Tarkaanfilee Jijjiramaa
Kutaa Tokko Seenaa Publiik Sarviisii Itiyoophiyaa; Oromiyaa Seensa §Kaayyoo ijoon hundeeffama mootummaa üTajaajila lammiin gara-biraatii argachuu hindandeenye karaa qulqulluu fi si’ataa ta’een ummataaf kennuudha üKunis kan galma ga’uu danda’u jaarmiyaa sivil sarvisii ijaaramee fi ammayyaa’eeni qofa dha.
• Bara 1907 Seensa • PS Ammayyaa’aa Bara 1955 Yeroo M/ H/ Silaasee sirna mootii tajaajiluuf • Bara Dargii Hojiwan addaa yaalamaniiru • Hata’u malee PS ammayyaa’aa fi bu’a qabeessa ta’ee ijaaruu hindandeenye
ADWUI fi yaaliwwan Ija. PS godhaman • Bara 1985 irraa PS bifaa haaraan Ijaaruuf yaaliin Godhameen • Bara 1994 tarsiimoo ijaarsa Dandeettii Sagantawan 14 qabuu balinaan hojiirra oolee ture • Barrii kun bara ADWUIn keessoo isaatii Haaromsa geggeessee fi Imaamatoota Hedduu itti iftoomse ture
Waggaa 20 Duraa fi Haala yeroo ammaa. PS MNO Waggaa 20 dura • • Mana Hojii Bara 2011 17 Godina 12 Aanaa 197 Magaala Ganda PS 21 326 ? ? 6 19 6447 7300 106, 178 Mudamaa 54 538, 731 21, 642
Ragaan kun kan agarsiisuu üMootummaa Naanicha Guddataa jiraachuu üUummataaf qaqqabamaa ta’uu üRakkoo Sirna bulchiinsa uummati gaafatuu jiraachuu deebisuu tattaffii godhaa üGama kanaan Bu’aa olaana galmeesisuu isaa
Seensa Haata’u malee: üQorannoowwan yaada uummataa walduraa duubaan bara 2005; 2007, 2010 fi üQorannoo misooma qabeenya namaa bara 2006 akkasumas qorannoon ga’umsaa fi bu’a qabeessummaa pablik sarvisii MNO bara 2010 akka agarsiisutti üYaaliiwwan riifoormii armaan olitti tuqaman taasfamaniis ammallee tajaajilli mootummaan uummataaf dhiyeessu rakkoo bal’aa keessa akka jiru hubatamee jira.
Kaayoo Gooroo • Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa paabliik sarviisii keessatti qunnaman Addaa baasuun yeroo gabaabaa keessatti sochii bal’aa naannoo irraa hanga gandaatti taasisuun Kenniinsa tajaajila mootummaa fooyyeessun amantaa fi itti quufiinsa lammiilee guddisuu fi galama badhaadhinaf qabame milkeessuf.
Kaayyoo Gooree §Rakkoolee ijoo kenniinsa tajaajilaa paabliik sarviisii keessatti mul’atan hiikuu; §Tarkaanfiwwan yeroo dheeraa fi gabaabaa fudhachuun mootummaa cimaa ijaaruu §Tajaajilli kennamu si’omina, iftoomina, haqummaa fi qulqullina akka qabaatu taasisuuf; §Sirna deeggarsaa fi hordoffii cimaa kenninsa tajaajilaa manneen hojii mootummaa diriirsuu fi hojiirra oolchuu; §Sirna gaafatamummaa manneen hojii mootummaa keessatti mirkaneessuu;
Barbaachisummaa § Hoggansaa fi PS waliin Rakkoowan fi ka’umsa rakkoo Kenna tajaajila PS wal qabatuu irratti waligaluu fala yeroo gabaabaa fi ittii fufinsaa bocuun hojirraa oolchuun Itti qufinsa uummata dabaluuffi badhaadhina milkeessuudha.
Kutaa Lama Maalummaa fi Gahee Pabliik Sarviisii
Maalummaa fi Gahee Pabliik Sarviisii § PS tajaajila mootummaan uummataaf kallattiin gama caasaa isaatiin yookan al-kallattiin gama dhaabbilee dhuunfaatiin uumaataaf kennu jechudha. § PSn Riqicha imaammataa fi tarsiimoo mootummaan baasu lammiilee biraan itti gahamuudha §Sochii Hanga amma Godhameen hanqinuma isaa waliin PSn Imaamataa fi Karooraa motummaa Raawwachiisuu keessatti gahee isaa taphachaa dhufeera
Ijaarsa Paabliik Sarvisii Keessatti Sochiiwwan Gurguddoo Taasifamaa Turan § Bara 1994 irraa eegalee gurmaa’insa, hojmaataa, ilaalchaa fi dandeettii PS fooyyeessuuf sochiiwwan bal’aan gaggeeffamaa turee jira. §Keessattuu waggoottan kurnaan lamaan darbanitti mootummaan haala kenniinsa tajaajilaa bu’uura irraa jijjiiruuf meeshaalee riifoormii addaa hojiirra akka oolan taasisaa turee jira.
Ijaarsa Paabliik Sarvisii Keessatti Sochiiwwan Gurguddoo. . . §Haaluma kanaan, tarsiimoo ijaarsa dandeettii utubaalee ijaarsa dandeetti: üGurmaa’insa, üHojmaataa fi üHumna namaa xiyyeefannoo guddaa argatee hojiirra oolaa turee jira.
Kaayyoo kana milkeessuuf üJijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii (JBAH), üSirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiima’aa (SMBKT), üChaartarii lammiilee (Ch. L) fi üRaayyaa Jijjiiramaa Siivil Sarviisii (RJSS) fi üTeekinooloojii Qunnamtii Odeeffannoo (TQO) bifa qindoomina qabuun hojii irra akka oolu ta’ee jira.
Bu’awan argaman. . . §Haaluma kanaan, meeshaalee rifoormii hojii irra oolchuuf bu’awan 1. Hojiiwan Ijaarsa dandeettii Itti fufinsaan hojjetameera 2. Hubannoo fi kutannoo hooggansi siyaasaa jijjiirama hojii irra oolchuuf qabu foyyaa’eera.
Bu’aa…. . Humna jijjiiramaa horachuuf yaalameera 4, Gurmaa’insii fi hojmaatni bu’aa dabalataa maamilaaf hin buufne akka maqfaman taasifamee jira. 5. Manneen hojii keessatti tajaajilli walfakkaatuu iddoo tokkoti akka argatu gochuu taasisuun bu’aa bahiin kenniinsa tajaajilaa irratti mul’atu foyyeessuuf yaalameera. 3.
Bu’aawan…. 6. Rakkoolee ijoo manneen hojii mootummaa keessaatti sirna karooraan walqabatan hiikuuf sirna madaallii fi bu’a karoora tarsiimoo (SMBKT) hojiirra oolchuun manneen hojii tarsiimoo irratti xiyyeeffate uumuuf yaalamee jira. 7. Adeemsa kenninsa tajaajilaa keessatti iftoomina uumuuf haaldureewwan kenniinsa tajaajilaa addaa fi sirni odeefannoo fi komii akka diriiru taasifamuu fi kkf kaasuun ni danda’ama
Kutaaa Sadii Tajaajilaa fi maalummaa tajaajila • Tajaajilamaa jechuun nama kamiyyuu (dhuunfa, garee yookin dhaabbata) meeshaa/tajaajila nurraa bitu/argatu jechuudha. • Namoota Xiyyeefannoo keenya barbaadan jechudha • Tajaajila jechuun manni hojii tokko meeshaa (products) yeroo gurguru ykn tajaajila yeroo kennu akkaataa maamiltoota itti keessumeessudha. • Tajaajilli hojii kamiyyuu keessatti fedhii maamiltootaa guutuuf kan raawwatamuudha.
• Tajaajilli gocha ykn raawwii qaamni tokko qaama biraaf raawwatuudha. • Tajaajilli sona meeshaa (product value) qabatamaan hinmul’annee (intangible) dha • Kenna tajaajilaa maamilaa jechuun haala fedhii maamiltoota oomisha/tajaajila keenya fayyadaman itti guunnudha. • Walitti dhufeenya tajaajiltootaa fi tajaajilamtoota gidduutti raawwatamu dha. • Kunis tajaajila dura, yeroo tajaajilli kennamu ykn kenna tajaajilaan boodaa kan hammatudha.
Amaloota Tajaajiltootaa • Tajaajilli iddoo lamatti qoodamuu ni danda’a. Innis tajaajila qabatamoo (Material) fi qabatamoo hintaane (personal) dha. • Tajaajila qabatamoo (tangibles) jechuun qaama adeemsa kenna tajaajilaati. Kunis, gatii, yeroo, qulqullinaa fi baay’ina meeeshaa iddoo mijaawaa adeemsa, hojjetaa, odeeffannoo fi kkf of keessatti hammata.
Itti…… Tajaajila qabatamoo hintaane (Intangibles) jechuun üMiira, üAmala, üHubannaa fi ilaalcha namaa, üSochii qaamaa, üJecha, üMaqaa maamiltootaa fayyadamuu, üMaamiltoota kabajuu fi üTasgabbii fi offitti amanuu fi k. K. F dha.
• Kenna tajaajila maamilaa jechuun haala fedhii maamiltoota oomisha/tajaajila keenya fayyadaman itti guunnudha. • Tajaajila kennuun, yeroo tajaajillu maamila dhagahuu, rakkoo maamilaa furmaata kennuudha. hiikuu ykn • Maamila ofii beekuu, waan jaallatu/jibbu, yaada maamilaa, seendubee maamilaa fi kkf. • Waa’ee tarsiimoo, gurmaa’insa, sirna ykn hojimaata fi hojjetaa yeroo yaadnu xiyyefannaa guddaan kennamuuf bu’aa fi faayidaa maamilli argatudha.
Calaqqee Ogummaa Kenniinsa Tajaajilaa • Callaqeen KT inni duraa hojii hojjennu (mana hojii, hojii fi tajaajila mana hojii fi sirrummaa hojii hojjennu) beekuudha. • Lammaaffaan, akkaataa itti hojjennu (mana hojii kabajuu, naamusa qabaachuu, falaasama kenna tajaajila M/Hojii beekuu, fedhii maamiltootaa isa dhugaa beekuu fi miira ofii to’achuu) dha. • Sadafaan, akkaataa maamilatti dhiyaannu (haala uffannaa fi qulqullinaa, sochii qaamaa fi naamusa) hammata. Inni dhumaa ammoo, amala calaqqisiisuu qabnu (simannnaa gaarii, kabaja agarsiisuu fi miiraa gargaarsaa) qabaachuun barbaachisaadha
Fedhiiwwan Bu’uuraa Maamiltootaa • Maamiltoonni tajaajila barbaacha gara manneen hojii mootummaa dhufan fedhiiwwan bu’uuraa ni qabaatu. §Kunis, üMiira hiriyummaan tajaajilamuu üGammachuun tajaajilamuu üHaqummaan tajaajilamuu üYaada ofii ibsachuu üOdeeffannoo gahaa argachuu
Kutaa Afur Hudhaalee Gurguddoo Paabliik Sarviisii Naannichaa 1, Rakkoo Gaggeessummaan Waliin Walqabatee ü Beektoonni gaggeessuummaa: ü Dhimma hordoftoota baay’ee horachuu osoo hin taane gaggeessitoota baay’ee horachuu ü Gaggeessuummaan waa’ee mul’ata kaawwachuu fi beekisisuu, duudhaalee gonfachuu fi naannoo hojii mijataa uumuu akka ta’e fi ü Gaggeessummaan gocha malee taayitaa akka hin taane ni ibsu.
Gaggeess… • Geggeessaa kan madaalamu Gahumsa karoorsuu, raawwachuu fi Hodoftoota geesisuuf Galma yaadame bira gahuu isaatiin • Haala Baratamee Kessa bahuu • Galmaa fi mul’ata isaaf Kutannoo fi amanamummaa Kan qabu • Hunda dura Of geggeessuu kan danda’uu Ta’uu qaba. Yaaliwan godhamani fi bu’aawan argaman yoo jiraatanis;
Gaggeessummaa… Hata’u malee, Rakkoon gama kanaan Jiru üKaroora haala qabatamaa irratti hundaa’uun karoorsuu fi qindeessanii hoogganuu dhabuu üFakkeenyummaa gaarii qabaachuu dhabuu, üAdeemsa jijjiramaa ofii sirnaan hubatanii hojjetaa isaanii hubachisuu dhabuu, üNaamusa gaarii fi dandeettii yeroon gaafatu dhabuu üDarbee darbee neetiwoorkii faayidaa ijaarrachuun üQajeelfamaa fi hojmaata giddu galeessa godhatee kan hin hojjanne akka ta’e qorannoon ni agarsiisa
Gaggeessummaa… • Hojjetaa karaa gahumsa qabuun ittifayydamuu fi • kan hojjetuu fi hin hojjenne adda baasuu dhabuu fi mirgaa fi dirqama isaa akka beeku gochuu dhabuun, §Bakka tokkotti ejjennoo mootummaa isa ramadee qabachuurra waltajjii fi haala yeroo fakkaachuu, uummata burjaajessuu,
Gaggeessummaa… • Jijjiirraa fi ramaddii hojjetaa walitti dhufeenya addaan raawwachuu, kanarra ka’ee PSn • Tajaajila ummataa fi mootummaa ta’uun hafee PS godinaa, aanaa, gandaa fi mandaraa akka ta’u fi kkf bal’inaan kan mul’atu ta’uu xinxalamee jira • Hanna irraa ofiif bilisa ta’ee mana hojii keessattiis ilaalchootaa fi gochoota kanaan walqabatan sirreessuudhaaf kutannoodhaan hojjechuu dhabuu • Walumagala Rakkoo kuufatii Kenna tajajilaan
Pabliik sarvaantii waliin walqabatee Dandeettii fi beekumsaa § Paabliik sarvaantiin yeroo mara dandeettii fi beekumsa isaa haala yeroo irratti hundaa’ee cimsachuu qaba § Hoji Ramadamee irrati beekumsa fi ogummaa gaha dhabuu § Dandeettii fi beekumsa hojii qabu hunda duguuguun tajaajila uummataatiif oolchuu dhabuuniis hojjetaa baay’ee biratti ni mul’ata. § Paabliik sarvaantiin sa’aa hojii mootummaatti qaamaan, miiraan fi sammuun qophii iddoo hojiitti argamu dhabuu, § Rakkoo Eeggatummaa
Dandeettii fi beekumsaa (ogummaa)… §Imaammata, tarsiimoo fi ergama mana hojii irratti hubannoo gahaa gabaachuu dhabuu fi hojirra oolchuuf fedhii dhabuun §Dandeettii gabbifateen xiyyeefannoo kennuun tajaajiluurra hordoffii fi ajaja hogganaa eeggachuun §Ogeessi sadarkaan jiru walgahoomsuu fi wal irraa barbachuuf fedhii dhabuu
Naamusa iddoo hojii fi ogummaa §Sa’aatii hojii mootummaatti ajandaa siyaasaa yerootiin liqimsamee gareen walqooduun siyaasa xinxaluu fi walfalmaa ooluu, §Neetworkii addaa uumuun hanna keessatti hirmaachu §Tajaajila mootummaa maallaqaan gurgurachuu §Paabliik sarvaantin hojii kennameef seeraan hojjechuu dhabuun kutaa irraa gara kutaatti naanna’uu, §Amala gareen hojii kan hin qabne ta’uusaa fi kkf
Itti fayyadama Miidiyaa Hawaasaa § PS sadarkaan jiru iddoo hojii fi sa’aa hojii mootummaatti Feesbuukii, Yuutiyuubii fi k. k. f irra oolu §Oduuwwan siyaasaa afarsuu, §Maqaa balleessii addaa fi dhimmoota gahee hojii fi milkaa’ina hojii mana hojiitiif bu’aa hin qabne gaggeessuun §Qisaasama yeroo fi miidhaa kenniinsa tajaajilaa irratti qaqqabsiisuun bal’inaan ni mul’ata.
Miira tajaajiltummaa Pabliik sarvaantiin: hojii isaanii hojjetan akkuma jiran kanneen ; amanamummaan üAbbaan dhimmaa simmannaa gaarii fi fuula ifaan simachuu dhabuu, üDhaggefachuu dhabuu, üIfachuu, Arrabsuu, Sodaachisuu, üXiqqeessuu, looguu, Ari’uun baasii fi Xaarii maamilaa dabaluun ni mul’ata. üAbba Dhimmaa irraa faayidaa fi mallaqaa barbaaduu üKanarraa ka’ee Amanamummaa uummata bira qabuu gad bu’ee jira
Gahee Hojii Seeraan Isaaf Kenname Bahachuu Dhabuu §Gahee isaa sirnaan beekuu fi seera fi qajeelfama eegee raawwachuu dhabu §Staandardii taa’een hojjechuu dhabuun § Bakka ramadametti karoora isaa kan waggaa, ji’aa, torbanii fi guyyaa qopheefachuu dhabuu, §Hojii isaa osoo hinmo’atin Qabxii Olaanaa fii Darn olaana qofa fedhu
Kan Kooti Amantaan Jedhu Uumamuu Dhabuu (Ownership) §Paabliik sarvaantiin hojii karoora naannichaa fi mana hojichaa, Daarektoreetii yookan Garee hojii isaa keessa jiru amantaan ofitti fudhachuun miira garee fi qindoominaan hojjechuu dhabuu, §Garee keessatti adda durummaadhaan hirmaachuu, ijaaruu fi cimsuu dhabuu, §Galma kaa’ame milkeessuuf fedhii dhabuu
Mirgaa fi dirqama gama bahuutiin §Mootummaan mirgaa fi faayidaa PS kabajsiisuuf yaaliiwwan gurguddoo godheera ü Daballii mindaatiin, üFooyya’iinsa durgoo oolmaa, üCarraawwan barnootaa addaa kennuu, ü Yeroo dheeraa keessatti ceehumsa iskeelii mindaa qorachuun hojiirra oolchuu fi kkf taasisaa tureera.
Faayidaa, mirgaa fi dirqama bahachuu… §Yaa ta’u malee; PS mirgaa fi faayidaa isaa qofa irratti xiyyeefachuun fi dirqama isaa bahachuu dadhabuu § PS ‘ani dirqama fi gahee koo yoo bahe faayidaankoo naaf eegama’ jedhanii yaaduu dhabuun kan mul’atu ta’uusaa, §Keessattuu qajeelfama kaffaltii mindaa mala qabxiin madaaluu fi sadarkeessuu (JEG) irratti hojjetaan ragaa Mirkaneessa Gahuumsa Ogummaa (COC) hanga hin dhiyeefatiinitti fayyadamuu akka hindandeenye ifatti kaa’amee osoo jiruu
Faayidaa, mirgaa fi dirqama bahachuu… §Sadarkaa barnoota dursa xumureef ragaa Mirkaneessa Gahuumsa Ogummaa osoo hin qabaatiin barnoota sadarkaa itti aanuutti dabruun barachuufi faayidaa gaafachuun bal’inaan dhiyaachaa jira. §Kana irraa ka’uun kaka’uumsaa, kutannoo fi aantummaa ummataa Paabliik sarvaantiin naannichaa qabu dantaa dhuunfaa ofiif dursa kennuu fi fedhii uummataa dagachuun tajaajila guutuu kennuu dhabuu hubachuun danda’amee jira.
Ilaalchota maxxantummaa, amantaa, naannummaa fi gosummaa waliin walqabate Pabliik sarvaantiin üTajaajilamtoota keessaa fi alaa lagaan (ganda, aanaa fi godina), üFirummaan yookan walitti dhufeenya addaatiin qooduun tajaajila kennuuu üKeessattuu maqaa rakkoo hawwasumaa fi maatiitii dhiyaachuutiin gara bakka dhalootaatti deebi’uuf fedhin jiru olaanaa ta’uu isaa fi qabatamaa lafa irratti mul’atuun adeemsichi kaayyoo yaadameef ala deemuun namni hundi bakka dhalootaatti sassabamuun ka’umsa maxxantummaa isa olaana ta’aa jira.
Hoggansa Mana Hojichaatiif Ilaalcha Dogoggoraa Qabaachuu §Paabliik sarvaantiin mana hojii gaggeessaa sadarkaan jiru waliin qindoominaan waliin hojjachuu irra tokkotti ololoota addaa keessummeessuun, §Hoggansa tasgabbii dhorkuun ijaarama hinmalle ijaaruun, §Midiyaa hawaasaan maqaa balleessuu, §Walitti dhufeenyi fayyummaa hin qabne akka uumamu taasisuun ni mul’ata.
Rakkoo Gurmaa’insa qajeelfamoota fi Hojmaata waliin walqabatee Gurmaa’iinsa § Gurmaa’iinsi manneen hojii mootummaa naannichaa bara 2010 gaggeeffamuun bara 2011 hojiirra oole rakkoolee gurmaa’iinsa hedduu kan hike ta’us: § Keessattuu, aangoo fi gahee hojii hubachuu fi karaa guutuu ta’een hojiitti hiikuu dhabuu, § Gurmaa’insa gahuumsaa fi bu’aa qabeessummaa qoratame akkaataa bu’aa qorannoontiin hojiirra oolchuu dhabuu, § Humna namaa jiruun hojjachuurra yookaan kaayyoo yaa’insa hojii sirreessuuf osoo hin taane ammas caasaa babal’isuuf gaaffii gurmaa’insaa dhiyeessuu fi k. K. F. Ni mul’atu.
Gurmaa’insa fi Hojmaata… Hojmaata §Labsiiwwanii fi dambiiwwan addaa gurmaa’insa, aangoo fi gahee hojii manneen hojii murteessuuf bahan akkuma eegametti ta’ee, §Sadarkaa manneen hojii tokkoon isaaniittis ta’e akka mootummaatti qajeelfamootnii fi §Maanuwaaliin addaa kenna tajaajila mootummaatiin walqabatan kan bahan ta’uun isaanii ni beekama.
Gurmaa’insa fi Hojmaata… §Gama kanaan yeroo ilaalamu, labsiiwwan dambiilee, maanuwaalotnii fi qajeelfamootni yeroo addaatti qophaa’an qaamolee dhimmi ilaalu hirmaachisuu dhabuu fi §Iftoominni irratti uumamuu dhabuun hojiirra oolmaa isaanii irratti hanqinaalee addaa kan qaban waan ta’eef qisaasama yeroo fi qabeenyaatiif sababa ta’anii jiru.
Gurmaa’insa fi Hojmaata… §Qajeefamoota fi maanuwaalotni bahanii hojiirra oolan qaqqabamaa ta’uu dhabuu, §Seerotii bulchiinsa hojjetootaa bittinna’aa fi fafaca’aa ta’uu, §Haala qabatama fi barbaachisummaa isaaniitiin fooyyessaa deemuu dhabuun, §Seerotaa fi qajeelfamoota jiran cabsuun haala baratamaadhaan ittigaafatamummaan mul’ata. hojjechuu jiraachuu dhabuun fi ni
Pabliik Sarvisii Ogummeesuu §Paablik sarvisii ogummeessuu jechuun, §Tajaajila mootummaa kennamu keessatti hooggansas ta’e ogeessi karaa ammayyaa’aa ta’een ogummaawwan barbaachisoo gonfachuun akkaataa ogummaa isaaniitiin akka tajaajilan dandeesisuudha.
Pabliik Sarvisii Ogummeesuu… § Haata’u malee, haalli qabatamaa naannoo keenyan: üDandeettii, beekumsaa fi muuxannoo qabu bal’aan jiraatus ogummaan hojjechuurra ammallee qaama jijjiirama fiduu fi itti fufsiisu ta’uurra jijjiirama sodaachuu yookan fedhii dhabuun dura dhaabbachuu, üDandeettii yeroon gaafatu dhabuu, üMul’ata fagoo dhabuu, üIlaalcha duraanii keessaa bahuu dhabuu, üFaayidaatti hirkachuu fi k. K. F pablik sarvisii naannicha keenya keessatti rakkoolee calaqqisanidha.
Tajaajila teekinoolojiin deeggaruu /E-Governance/ Digitalization §Tajaajiloota mootummaadhaan uummataaf kennaman irrajireessi isaanii kara boodatti hafaan waraqaadhaan ta’uun yeroo qulinaa baasii irrati dhiibba fidee jira Rakkoon gama kanaan jiru , § Kutannoo fi fedhii dhabuu hoggansaa fi PS , Rakkoo Gahumsaa fi qabeenyaati kanaafu xiyyefannoo kennun hiikuu gafata
Sirna Gaafatamummaa §Manneen hojii caasaa isaanii gara gadii, lammiileen, hoggantootaa fi hojjettoonni mirgaa fi dirqama isaan hubachisuu dhabuu, §Lammiilee, manneen hojii fi dhaabbilee misooma mootummaa, hoggantoota fi hojjettoota seera, danbii fi duudhaa mana hojii cabsan tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuu dhabuu; §Murtee fudhatames hojiirra oolchuu akkasumas komii ka’ee fi murtee kennamu amananii ofitti akka fudhatan hojjechuu dhabuun ni mul’ata.
Sirna Gaafatamummaa… §Sirna gaafatamummaa caasa mootummaa jalaa gara olii cimsuuf manni hojii sadarkaa naannoorra jiru caasaa isaa sadarkaa Godina, Aanaa, Magaalaa fi gandaaarra jiru hordofuu, deeggaruu, madaaluu fi sirna gaafatamummaa mirkaneessuu irratti hanqinni jira. §Sirna gaafatamummaa caasa mootummaa sadarkaa gandaa, manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa, giddugaleessota addaa keessa jiran irratti ummannii kallattiin karoora, raawwii, hordofuu, madaaluu fi sirna gaafatamummaa keessatti akka hirmaatu taasisuu dhabuun ni mul’ata.
Sirna Gaafatamummaa… §Walumaagalatti, manni hojii itti fayyadama qabeenyaa fi baajataa odiitii gochuun balleessaa uumame irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu dhabuu, §Walto’annaan fi sirni gaafatamummaa gahaa ta’e qaamolee mootummaa sadan gidduu jiru laafaa akka ta’e, §Olaantummaan seeraa, hojiirraa oolmaan seerota, qajeelfamootaa fi dambiiwwanii rakkoo bal’aa kan qabaniifii sirna gaafatummaa kan hin hordofsiisne ta’uun qabatamaan ni mul’ata.
Kutaa Shan Tarkaanfilee hojirraa oolamaa
Tarkanfilee… §Xinxala haala qbatama pabliik sarviisii armaan olitti dhiyaate bu’uureffachuun kallattiin raawwii yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa armaan gadii kaa’amee jira
Tarkanfilee Yeroo gabaabaa; Sosochii Pablik Sarvisii Uumuu • Waggottan jijjiramaa darban kana keessa sababa tasgabbii dhabuu nagenyaa fi dhibee koronaan walqabatee keessattuu bakkeewan rakkoon nageenya jiruttii pablik sarvisiin keenya bakki inni hojii ala ta’e hedduudha, §kanaafuu tarkaanfii yeroo gabaaba keessatti Pablik sarviicha ijaaruun hojitti galchuu barbaachisaadha.
§Rakkoowwan qabbanaa’ummaa fi harcatii uumame sirreessuudhaaf hoggansa fi PS nannoo hanga Gandaa jiru waliin rakkoowwan jiran, §Ka’uumsa rakkoo fi miidhaa rakkichi qaqqabsiise fi furmaata rakkichaa irratti mariychuu waligallterra gahuu §Qorannaa hojii fi ergama mana hojii gidduu galeessa godhate geggeessuu, Ps ijaaruun hojitti galchuu
§Manneen hojii hundi Rakkoo kennaa tajaajila irratti qaban sakata’uu, adda baasuu, kallattii furmaata kaa’u §Rakkoo Naamusa hoggansaa fi PS hiikuu §Hojii hundii staandardii akka qabaatuu standardiin akka hojjetamu gochuu §Hojmaataa fi qajeelfamoota bakkati deebisuu §Naannoo hoii mijataa gochuu fi kenna tajaajilaaf haal duree xumuruun hojitti galchu
Tarkanfilee Yeroo gabaabaa : Dandeettii Raawwachiisummaa Mootummaa Cimsuu Rakkoo Gaggeessummaan Walqabatu Hiikuu • Hunda dura geggeessaan rakkoowwan jiran adda baasee gaaffii uummataa deebisuu fi jijjiirama jalqabame itti fufsiisuuf kutannoo fi qophaa’ummaa qabaachuun isaa mirkanaa’uu qaba. • Mul’ata ifa ta’en kan qabu, hojjettoota qopheessu,
Rakkoo Gaggeessummaan Hiikuu… §Ilaalchoota boodatti hafaa faayidaa ummataa miidhaan naamusa badaa fi netiworkiiwwan hinmalle irraa bilisa ta’uun isaa mirkaneessuun barbaachiisaadha. §Gaggeessaa bakka lama dhaabbatu fi gara ho’eetti goru osoo hintaane ergama fi mul’ata isaa sirnaan beekee jijjiiramaaf aarsaa barbaachisu kaffaluuf qophaa’aa ta’e ta’uun isaa sadarkaa hundatti mirkaneessuun dhimma murteessaadha.
Rakkoo Gaggeessummaan Walqabatu Hiikuu… §Gaggeesaan riifoormii amantaan fudhachuun ofii sirnaan hubatanii hojjetaa hubachisuu danda’uu qaba. isaanii §Hojjettota waliin, caasaa mana hojichaa gara oliifi gara gadii jiru akkasumas dalga manneen hojii waltarree jiran waliin karoora qindoominaa qabaachuun fi § Hojjetaa waliin walittii dhufeenya gaarii kan qabu
Rakkoo Gaggeessummaan Hiikuu … • Karoora haala qabatamaa irratti hundaa’uun karoorsuu fi qindeessanii fi haala beekanii hoogganuu, § Fayyadama Tekinooloojii irrati amantaa fi qopha’umma qabaachuu §Naannoo hojii mijaataa uumuu § Sirna itti gaafatamummaa Kan diriirsuu fi hojirra oolchuu ta’uu qaba §Kan murteessuu fi murtoo keennuf IG kan fudhatu §Aaantummaa uummata kan qabu ta’uu isaa Sadarka hundaatti mirkaneessuun barbaachiisa
Tark. Itti fufinsa… §Hanna irraa ofiif bilisa ta’ee ilaalchootaa fi gochoota kanaan walqabatanii seera, danbii fi duudhaa mana hojii camsuun mana hojii keessatti yoo mul’atan tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuu; §Murtee fudhatames hojiirra oolchuu akkasumas komii ka’ee fi murtee kennamu amananii ofitti akka fudhatan hojjechuu qabu.
Hudhaa Pabliik Sarvaantii Kenyaan Walqabatu Hiikuu
Hudhaa Pabliik Sarvaantii Kenyaan Walqabatu Hiikuu § PS keenya biratti Yaadama Manni Mootummaa ‘Takkaa Morma Galfanaan…. ’ jedhuu jijjiruu §Kanaafuu, olii hanga gadiiti pablik sarvisiin keenya yaadama ‘Jireenya ummata jijjiiruufan as jira’ jedhu horachuu qaba. §PS keenya Yeroo yerootti dandeetti fi ogummaa isaa cimsachuu qaba, kanaafis karoorfachuu qaba §Imaammata, tarsiimoo fi ergama mana hojii isaa haalan hubachuu, fi raawwachuufis durqama akka
Hudhaa Pabliik Sarvaantii Kenyaan Hiikuu… §Manni hojii mootummaa kamiyyuu qajeeltoowwan naamusa iddoo hojiii fi naamusa ogummaa haala qabatamaa yeroon gaafatuun haaressuun hojiirra oolchuu qaba. §Too’annoo fi hordoffii itti fayyadama yeroo paabliik sarvaantiin walqabatee hojii dirree/hurufa fi waajjirratti hojetamuuf sa’aatiin seensaa, bahiinsaa §Qaamaan, miiraan fi sammuudhaan akka hojiitti seenu taasisuu
Hudhaa Pabliik Sarvaantii Kenyaan Hiikuu… §Pablik sarvisiin keenya naamusawwan faayidaa ummataa miidhan irraa of qusachuu, §Manneen hojii mootumma keessatti ajandawan siyaasa addaa keessa bahuu fi waliratti ijaaramuun gufuu jijjiiramaa ta’uu irra of bilisoomsuu fi §Galma gahiinsa karoora mana hojichaaf tumsuu qaba, §Hoggansaa fi Hojjetaa mana hojiichaa waliin walitti dhufeenya gaarii uummu qaba
Rakkoo Gurmaa’insa fi Hojmaata Qajeelfamaan hiikuu § Qajeelfamoota , labsii fi dambiwan haala qabatamaa amma waliin hindeemne adda baasuun sireessuu bakka tokkotti gurmeessuu • Qorannoo gahuumsaa fi bu’a qabeessummaa paabliik sarviisii irratti hundaa’uun gurmaa’iinsi hojiirra oole bu’aa fide qorachuu fi iddoo ammallee hanqinni jirutti sirreessaa deemuun babraachisaa ta’a
Hojmaataan fi Seerotaan …. … § Hojmaata taa’een (humna namaaf, faayinaansiif, qabeenyaaf, hoggansaaf fi k. k. f. ) hojjetamuu isaa mirkaneefachuu §Iftoominnii fi Itti gafatamummaan akka jiraatu gochuu §Caasaa sadarkaan jiruuf gadi bu’uu isaa mirkaneefachuu, §Qaamni seera cabsuu kamuu gaafatamaa jiraachuu mirkaneessuu
Pabliik Sarvisii Ogummeessuu § Paablik sarvaantiin hanqina dandeettii fi beekuumsa ofii adda baasuun irratti karoorsuun § Haala yeroo irratti hundaa’ee kitaabolee fi maanuwaalota § Kenniinsa tajaajila lammiilee, § Hoggansa jijjiiramaa, § Hoggansa tarsiimoo, § Hoggansa bu’aa raawwii, § Hoggansa falaasama kaayizanii, § Hoggansa qulqullina waliigalaa, § Hoggansa beekumsaa, § Hoggansa bu’aa irrattti xiyyeefate,
Pabliik Sarvisii Ogummeessuu §Aadaa Iddoo Hojii fi Aadaa Mana Hojii, §Yaad-rimee Bulchiinsa Gaarii, §Istaandaardii Kenninsa Tajaajilaa isa Xiqqaa, §Dandeettii Rakkoo Hikuu, §Naamusa Iddoo Hojii, §Naamusa Ogummaa fi Ogummaa’uu fi k. k. f dubbisuun dandeettii fi beekumsa isaa cimsachuun mirkaneessa gahuumsa ogummaaf of qopheessuu danda’uu qaba.
Pabliik Sarvisii Ogummeessuu… §Walumaagalatti, mirkaneessa gahumsa ogummaa gahumsa qabu taasifamee hojii fi hojjataan haala qabatama bu’aa hanga ammaa galmeesseetiin madaalamee leenjii fi baruumsi yeroo gabaabaa fi dheeraa shaakalliin deeggarame kennameefii ogummaa isaatiin hojjachuu qaba.
Tajaajila Teekinoolojiin Deeggaruu /Digitalization/ § Dhimmii Guddaan Bu’a qabeessumma fi Kenna tajaajila PS rakkoof saaxile Tajaajilli kenninu Boodati hafaa ta’uu isaati §Kanaafuu, waa’ee kenna tajaajila foyyeessuu yeroo yaadnu waa’ee teekinoloojii fayyadamuu tajaajila kenninuu qaqqabamaa taasisuuti §Biirolee fi sekterrii hundi Tajaajila maal ONLINE gochuu akka danda’an adda baasuun aritiin itti galuu qabu
Tajaajila Teekinoolojiin Deeggaruu…. . §Tajaajila lammiileeef kennamu gahuumsaa fi qulqullina akka qabaatu taasisuuf gara dijiitaalawaatti geeddaruun murteessaadha. §Kanaafuu, Magaalaa hanga baadiyyaatti Naannoo hanga Gandaatti tajaajiloota fakkeenyaaf: TIN baafachuuf, hayyama gibiraa baafachuuf, hayyama ogummaa baafachuuf, hayyama invastimantii baafachuuf, jijjiirraa raawwachuu fi k. k. f gara dijitaalawaatti geeddaruun tajaajila teekinoloojiin
Tajaajila Teekinoolojiin Deeggaruu § Ragaalee hawaas-dinagdee guutuu naannichaa dijitaaleessuun gurmaa’insa mootummaa naannichaa fi bobba’iinsa humna namaa istaandardawaa taasifamuu qaba. Bu’a qabeessummaa itti fayyadama baajataa (baajatni fi kaayoon walsimuu isaa) adda baafachuuf dijitaalessuun xiyyeefannoodhaan irratti hojjetamuu qaba. § Manneen hojii mootummaa sirna hoggansa beekumsaa diriirsun beekumsa fi odeefannoo sanadoota leenjiin irratti kenname, seerota, qajeelfamoota fi maanuwaalota hojiif barbaachisan, bu’aawwan qorannoo, karoora fi gabaasota raawwii tarsiimoo baraan qindeessuu, kuusuu, tamsaasuu, itti fayyadamuu fi fooyyeessaa deemuuf teekinoloojii hojiirra oolchuu qabu.
Tajaajila Teekinoolojiin Deeggaruu…. §Sirni komeen itti dhiyaatuu fi deebiin itti kennamuu ammayyeessuu Manneen hojii bilila bilisaa tajaajilamaan itti komee dhiyeefatu banuun uummata beeksisuu qabu. §Walumaagala, hunda dura hoggansi sadarkaan jiru sirna dijitaalaayizashinii hojiirra oolchuudhaaf qophaa’ummaa qabaachuu qaba. §Sadarkaa humni danda’een tajaajila kana eegalsiisuun rakkoowwan jiran hiikuu eegaluun barbaachisaadha.
Sirna Gaafatamummaa Mirkaneessuu §Seer- maleesummaa amma jiru Jijjiruu §Namni hojjetu sirna itti jajjabaatuu fi kan hinhojjenne itti gafatamamuu hojiirra oolu qaba. §Kana gochuuf, hoggansi sadarkan jiru kutannoon hojjechuu qaba, §PSn sirni kun caalmaatti kan fayyadu ta’uu isa hubatee sirni itti gafatamummaa akka jiraatu tumsuutu irraa eegama.
Sirna Gaafatamummaa. . . § Sirna gaafatamummaa caasaa mootummaa jalaa gara olii (upward accountability) hojiirra oolchuuf mannii hojii sadarkaa naannoorra jiru caasaa isaa sadarkaa jiru hordofuu, deeggaruu, madaaluu fi sirna gaafatamummaa mirkaneessuu qaba. § Sirna gaafatamummaa Caasaa mootummaa ummataaf (down-ward accountability) taasisuuf sadarkaa Gandaa, manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa, giddugaleessota addaa keessa jiran irratti ummannii kallattiin karoora, raawwii, hordofuu, madaaluu fi sirna gaafatamummaa keessatti akka hirmaatu taasifamuu qaba. § Manni hojii itti fayyadama qabeenyaa fi baajataa odiitii gochuun balleessaa uumame irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu qaba.
Naannoo Hojii Mijaawaa Fi Hawwata Taasisuu §Naannoo hojii mijaawaa fi hawwata taasisuun bu’a qabeesumma dabaluu kenna tajaajila foyyeessuu keessatti gahee olaanaa qaba. § Haalli amma Jiru sirni tajaajilaman Odeefannoo argatu, bakki itti turu, haalli itti simatamuu hinjiru. §Kanaafuu, bara kana olii hanga gadiitti dhimmi kun xiyyeefannoo olaanaa argatee hojjetamuu qaba.
Hirmaannaa Damee ummataa cimsuu • Manni hojii mootummaa fi dhaabbileen misooma mootummaa kamiyyuu itti fufiinsaan ummata waliin hojjechuu § Hojmaata hirmaannaa ummataa fi manneen maree, waldaalee hawaasa manni hojii qabu hojii hooggansaa keessatti adeemsa § Karoorsuu, Hojiirra oolchuu fi madaaluu, duub deebii kennuu fi § Rakkoolee raawwii keessatti qunnaman adda baasuu fi yaada furmaataa kaa’aa deemuu Keessatti hojjettoota, maamiltoota fi dhimmamtoota qooda akka fudhatan taasisuu
Sirna Madaallii fi Badhaasaa Hojiirra Oolchuu §Jijjiirama fooyya’iinsa kenniinsa tajaajilaa keessatti gama addaatiin iddoo addaatti dhufe akka duubatti hin deebine sirna madaallii fi beekkamtii diriirfame bu’uura taasifachuun qaamolee raawwii olaanaa galmeessisan badhaasuu fi jajjabeessun §Muuxannoo jijjiirama keessatti galmaa’an itti fufiinsaan qindeessuun hojiirra akka oolu taasisuun barbaachisaa ta’a. §Sirni madaallii ulaaga ifa fi saayinsaawaa ta’ee bu’uura godhachuu qaba
Sadarkaa Gandaatti Mootummaa Cimaa Ijaaruu • Ganaadaa osoo hin cimsiin Waa’e mootummaa cimaa yaaduun hindanda’amu • Kanaafu bara kana qoranna eegalama xumuruun Haala ittii sadarka gandatti mootumma cimaa uumnu irratti xiyyeefannee Hojjenna • Mootummaa gandaa Hojii misoomaa, nageenyaa, badhaadhina maatii mirkaneessuu qabaachuu qabna • Kanaaf tumsa barbaachiisu godhamuu qaba
Rakkoo Sirna Deegg. fi Hordoffii hiiku §Sirni hordoffii fi deggarsaa hanga amma godhaman jijjirama fiduu keessatti gahee olaanaa taphatanii jru. §Haata’u malee, hordoffii fi deggersi godhamuu kun sirna of danda’ee kan qabuu, rakkoo ijoo fi tarsimo’aa irra kan maddee fi rakkoo ijoo hiikuu irratti kan hin xiyyeefanne yeroo hunda duulaan kan raawwatamuudha.
Rakkoo Sirna Deegg. fi Hordoffii …. . § Kanaafuu, sirnii Nannoon; Godina fi Magaalaa argatu, Godinii fi Aanaa, Aanaan Gandaa itti argatee deggaruu diriiruu qaba. § Kanuma faana hoggansii fi manneen hojii damee ummata waliin sirni itti walarganii mariyatanii fi karooraa fi raawwii manneen hojii sadarkaan jiruu dhageefatan uumamuu qaba. § Kanas hojirra olchdhaaf maanuwaalii hoggansaa (governance manuwal) staandardii hojii tokkoon qopheessuu sadarka hundatti hubannoo uumuu fi hojirra oolchuu barbaachisa.
Rakkoo Sirna Deegg. fi Hordoffii …… §Walumagala hordoffii fi deggersi godhamuu kaayyoo fi galama mootummaan qabate kan deggeruu, bu’a qabeessummaa hojjetaa kan dabalu, §Rakkoo keenna tajajjila Pablik sarvisii keenya kan hiikuu fi kanneen hojjetan sirna itti jajjabatan kanneen hin hojjennee kan itti gaafataman giddu gleessa kan godhate ta’uu qaba. §Kana gochuuf murteessaadha. qophaa’ummaan hoggansaa
Galatoomaa!
- Slides: 86